9.The Repentance

  1. (Isheen kun) Qulqullina Rabbiifi ergmaa Isaa irraa taate kan gara warra mushrikoota irraa (lola dhiisuuf) waadaa walii galtaniitti (qaqqabduudha)
  2. Ji’oota afuriif dachii keessa deemaaIsin Rabbiin dadhabsiisoo akka hin ta’iniifi Rabbiinis dhugumatti salphisaa kaafirootaa ta’uu beekaa
  3. (Kuni) labsii Rabbiifi ergamaa Isaa irraa guyyaa hajji guddaa,[] “Rabbiin qindeessitoota irraa qulqulluudha; Ergamaan Isaas (akkasuma)Yoo tawbattaniif, inni isiniif caalaadhaYoo garagaltan immoo isin Rabbiin dadhabsiisoo akka hin ta’in beekaa” jechuudhaan gara namaatti (qaqqabduu dha)Warra kafaranis adabbii laalessaadhaan gammachiisi
  4. Garuu qindeessitoota irraa Warri waadaa walii seentanii sana booda homaa isin hin hirdhisiniifi (nama) tokkollee isin irratti hin gargaarin, hanga beellama isaaniitti waadaa isaanii isaaniif guutaaDhugumatti Rabbiin sodaattota (isaa) ni jaalata
  5. Yeroo ji’oonni kabajamoon[] dabran, mushrikoota bakka argitanitti ajjeesaa; isaan booji’aas; isaan marsaas; karaa hunda irras isaaniif taa’aaYoo tawbatanii, salaata gadi dhaabanii, zakaas kennan karaa isaaniif gadi dhiisaaDhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
  6. Yoo tokkoon qindeessitoota irraa ta’e nagaya gochuu sirra barbaade, hanga inni haasaa Rabbii dhagahutti eegumsa isaaf godhiSana booda iddoo eegumsa isaatiin isa ga’iKun waan isaan ummata hin beekne ta’aniifi
  7. Qindeessitootaaf waadaan Rabbiin biraafi ergamaa Isaa bira akkamitti jiraata? Garuu isaan masjiida kabajamaa biratti waadaa walii seentan, hanga isaan (waadaadhaan) isiniif dhaabbatanitti isinis isaaniif dhaabbadhaaDhugumatti Rabbiin warra Isa sodaatan ni jaalata
  8. Odoo isin irratti injifannoo argatanii, firummaafi waadaas isin keessatti kan hin eegganne ta’anii, akkamitti (waadaan isaaniif ta’a)? Afaan isaaniitiin isin jaallachiisu; Onneen isaanii immoo ni diddiIrra hedduun isaaniis finciltoota
  9. Keeyyattoota Rabbiitiin bu’aa xiqqaa bitatanii karaa Isaa irraas (namoota) dhorganDhugumatti isaan wanti isaan dalagaa turan waa fokkate
  10. Mu’umina keessatti, firummaas ta’ee waadaa hin eeggatanuWarri sun isaanumatu daangaa dabritoota
  11. Yoo tawbatanii, salaatas gadi dhaabanii, zakaa kennan (isaan) amantii keessatti obboleeyyan keessaniUmmata xiinxalaniif keeyyattoota keenya ni addeessina
  12. Yoo erga waadaa seenanii booda waadaa isaanii diiganii amantii keessan xureessan, isaan waadaan isaaniif hin jiruu, akka dhorgamaniif hoggantoota kufriitin lolaa
  13. Sila ummata waadaa isaanii diiganii, ergamaa (Rabbii) biyya irraa baasuuf barbaadan, isaan dursanii kan isin (miidhuu) jalqaban odoo ta’anii jiranuu maaliif isaaniin hin lolle? Sila isaan sodaattuu? Yoo mu’uminoota taatan Rabbitu Isa sodaachuu irra haqa godhata
  14. Isaaniin lolaaRabbiin harka keessaniin isaan adaba; isaan salphisas; isaan irratti isin tumsas; qalbii warra mu’uminootaas ni fayyisa
  15. Dallansuu onnee isaaniis ni deemsisa; Rabbiin nama fedhe irra toowbaa qeebalaRabbiin beekaa, ogeessa
  16. Sila odoo Rabbiin isin irraa namoota qabsaa’aniifi kan Rabbiin, ergamaa isaatiifi mu’uminootaan ala jaalalloo hin godhatin adda hin baafne dhiifamtu seetuu? Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaadha
  17. Odoo lubbuu isaanii irratti kufrii ragaa ba’anii masjiidota Rabbii jiraachisuun mushrikootaan hin maluIsaan dalagaan isaanii baddeIsaan ibidda keessa yeroo hunda jiraatu
  18. Masjiidota Rabbii kan jiraachisu nama Rabbiifi Guyyaa Qiyaamaatti amane, kan salaata gadi dhaabe, zakaa kenneefi Rabbiin malee homaa hin sodaanne qofaWarri kun isaan karaa sirrii qabatan irraa ta’uun mirkana’eera
  19. Sila warra ka’abaa hajja’u obaasuufi masjiida kabajamaa jiraachisuu akka (imaana) nama Rabbiifi Guyyaa Qiyaamaatti amanee, karaa Rabbii keessatti qabsaa’ee gootuu? Rabbiin biratti wal hin qixxaa’anRabbiinis ummata midhaa hojjatoota hin qajeelchu
  20. Isaan amananii, godaananiifi karaa Rabbii keessatti qabeenyaafi lubbuu isaaniitiin qabsaa’an; Rabbiin biratti sadarkaadhaan ol aanoodhaIsaan sun isaanumatu milkaa’oodha
  21. Gooftaan isaanii rahmataafi jaalala Isa irraa ta’eefi jannata ishee keessa qananiin yeroo hundaa isaaniif jirtuun isaan gammachiisa
  22. Yeroo hunda ishee keessa kan jiraatan ta’anii (isaan gammachiisa); Dhugumatti, Rabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira
  23. Yaa warra amantan! Abbootii keessaniifi obboleeyyan keessan yoo isaan iimaana irra kufrii jaallatan, jaalallee hin taasifatinaaIsin irraa namni jaalallee isaan taasifate, warri sun isaanumatu midhaa raawwatoota
  24. “Yoo abbootin keessan, ilmaan keessan, obboleeyyan keessan, niitiwwan keessan, firoonni keessan, qabeenyi isin horattan, daldalli isin hir’achuu ishee sodaattaniifi manneen isin jaallattan Rabbi, ergamaa Isaatiifi karaa Isaa keessatti qabsaa’uu irra gara keessanitti jaalatamaa ta’e, hanga Rabbiin murtii Isaatiin dhufutti eegaa” jedhiRabbiinis ummata finciltoota hin qajeelchu
  25. Dhugumatti, Rabbiin iddoo baay’eetti isin tumseeraGuyyaa (lola) Hunayni, yeroo baay’inni keessan isin ajaa’ibsiise, kan homaa isin irraa hin deebisin, dachiin bal’ina ishee wajjin isinitti dhiphattee, sana booda yeroo baqa duubatti garagaltan (waan ta’e yaadadhu)
  26. Ergasii Rabbiin ergamaa Isaatiifi mu’uminoota irratti tasgabbii Isaa buuseWaraana isin hin argines buusee Isaan kafaran adabeKun mindaa kaafirootaati
  27. Rabbiin sana booda nama fedhe irraa tawbaa isaa qeebalaRabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
  28. Yaa warra amantan! Mushrikoonni najisa qofa; waggaa isaanii kana booda masjiidicha kabajamaa biratti akka hin dhiyaanneYoo beela sodaattanis Rabbiin yoo fedhe tola Isa irraa ta’een isin duroomsaDhugumatti, Rabbiin beekaa, ogeessa
  29. Isaan Rabbiifi Guyyaa Dhumaatti hin amanin, kan waan Rabbiifi ergamaan Isaa haraam godhe haraam hin godhin, kan amantii haqaa hin fudhanne, warra kitaabni kennameef irraa kan ta’an hanga isaan salpatoo ta’anii gibira harkatti kennanitti loolaani
  30. Yahuudonni “Uzayr ilma Rabbiiti” jedhanKiristaanonnis “Masiih ilma Rabbiiti” jedhanKun jecha isaanii kanuma afaan isaaniitiJecha isaan duraan kafaraniittis ni fakkeessuAbaarsi Rabbii isaan irratti haa jiraatuu, akkamitti (dhugaa irraa) garagalu
  31. Gooftaa tokkicha gabbarutti malee kan hin ajajamin tahanii, hayyoota isaaniitiifi moloksee isaanii Rabbiin alatti gabaramtoota godhatan; Masiih ilma Maryamis (gabbaramaa godhatan)Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiruInni waan isaan itti qindessan irraa qulqullaa’e
  32. Isaan (kaafiroonni) ifaa Rabbii afaanuma isaaniitiin dhaamsuu fedhuOduma kaafirtoonni jibbanuu Rabbiin ifaa Isaa guutuu malee (fedhii isaanii) ni dida
  33. Inni (Rabbiin) Isa odoma mushrikoonni jibbanuu, amantii hundarra ol taasisuuf jecha ergamaa Isaa qajeelumaafi amantii haqaatiin ergeedha
  34. Yaa warra amantan! Dhugumatti irra hedduun hayyootaafi moloksee qabeenya namootaa haqaan malee nyaatan; karaa Rabbii irraahis (namoota) deebisuIsaan meetaafi warqee kuusatan, kan karaa Rabbii keessatti ishee hin sadaqanne adabbii laalessaan isaan gammachiisi
  35. Guyyaa ibidda jahannam keessatti ishee irratti ho’ifamu, kan addi isaanii, cinaachi isaaniitiifi dugdi isaanii isheen gubamu “Kun waan isin lubbuu keessaniif kuusaa turtaniidha; waan kuusaa turtaniis dhandhamaa” (jedhamu)
  36. Lakkoofsi ji’ootaa Rabbi biratti gaafuma samiifi dachii uume kitaaba Rabbii keessatti ji’a kudha lamaIsaan keessaa afur kabajamoodhaSanatu amantii sirriitiIsaan keessatti lubbuu keessan hin miidhinaaMushrikootas, akkuma isaan tokko ta’anii isiniin lolan; tokko ta’aatii lolaaDhugumatti Rabbiin warra isa sodaatan wajjin ta’uu beekaa
  37. Kabajaa ji’a tokkoo gara ji’a birootti siqsuun kufrii irratti (kufrii) dabaluudhaWarri kafaran isaan jallifamuWaggaa tokko (keessa) hayyamamaa isa godhu; waggaa biraa immoo dhorgamaa isa godhuAkka lakkoofsa wanta Rabbiin dhorgamaa godhee qunnamaniif jecha waan Rabbiin dhorgamaa godhe hayyamamaa godhuFokkataan hojii isaaniis isaaniif miidhagfameRabbiinis ummata kafaran hin qajeelchu
  38. Yaa warra amantan! Maaltu isiniif jiraayyi yeroo karaa Rabbii keessatti (lolaaf) bahaa isiniin jedhame lafatti rinciccu? Sila jireenya Addunyaa Aakhiraa irra jaalatanii? Qananiin jireenya Adunyaa Aakhiraa biratti xiqqo malee homaa miti
  39. Yoo isin (jihaadaaf) hin bahin, (Rabbiin) adabbii laalessaa isin adaba; Ummata isiniin alaas bakka keessan buusa; isin homaa Isa hin miitanRabbiin waan hunda irratti danda’aadha
  40. Yoo isin isaaf tumsuu baattaniis, dhugumatti yeroo warri kafaran lammaffaa nama lamaa ta’ee isa (Makkaa) baasan, yeroo isaan lamaanuu goda keessa ta’an, yeroo inni saahiba isaatiin “dhugumatti Rabbiin nu waliin jiraa; hin gaddin” jedhu san Rabbiin isaaf tumseeraRabbiin tasgabbii Isa irraa ta’e isa irratti buuse; waraana isin ishee hin arginiinis isa jabeesseJecha warra kafaranii gad aantuu taasiseJechi Rabbii isheedhumatu ol aantuudhaRabbiin injifataa, ogeessa
  41. Salphoo taatanii yookiin ulfaatoo[] taataniis duulaaf bahaa; Qabeenyaafi lubbuu keessaniinis karaa Rabbii keessatti lolaaYoo kan beektan taatan kanatu isiniif caalaadha
  42. (Wanti ati itti isaan waamtu) odoo bu’aa dhihoofi imala giddu galeessa ta’ee silaa si hordofu turanGaruu imalatu isaanitti fagaate“Odoo dandeenyee silaa isin wajjiin baana turre” (jedhanii) Rabbiin kakatuLubbuu isaanii balleessuRabbiin kijibdoota ta’uu isaanii ni beeka
  43. (Yaa Muhammad!) Rabbiin dhiifama siif godhee, hanga isaan dhugaa dubbatan ifa siif ta’anii warra soban beektutti (lola irraa hafuu) maalif isaaniif hayyamte
  44. Isaan Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanan qabeenyaafi lubbuu isaaniitiin qabsaa’uu irraa (hafuuf) hayyama si hin gaafatanuRabbiin warra Isa sodaatu beekaadha
  45. (Lola irraa hafuuf) hayyama kan si gaafatu isaan Rabbiifi guyyaa aakhiraatti hin amanin kan onneen isaanii shakkiteedha; Isaanis shakkii isaanii keessa deddeebi’u
  46. Odoo (lolaaf) bahuu fedhanii silaa qophii isaaf qophaa’u turanGaruu Rabbiin bahuu isaanii jibbee duubatti isaan hanbise; “warra taa’uu[] wajjiin taa’aa” jedhame
  47. Odoma isinii waliin ba’aniiyyuu badii malee homaa isiniif hin dabalanuRakkoo kan isinitti barbaadan ta’anii, jeequmsaan gidduu keessan fiigu turanIsin keessas namoota isaaniif dhaggeeffatantu jiruRabbiin miidhaa hojjattoota ni beeka
  48. Dhugumatti, odoma isaan jibbanuu hanga dhugaan dhufee murtiin Rabbii ifa ba’utti isaan duraanis rakkoo barbaadanii dhimmoota siif gara gaggalchanii turan
  49. Isaan irraa nama “(hafuuf) naaf hayyami; nas hin qormaatin” jedhuutu jiraDhagayaa! (isaan) qormaata keessatti kufaniiruDhugumatti Jahannam kaafirootatti marsituudha
  50. Yoo toltuun wahii si mudatte, isaan gaddisiiftiYoo balaan wahii si mudatte immoo “nuti dursinee of eeggannoo keenya qabannee jirra” jedhan; kan gammadan ta’anii duuba deebi’u
  51. “Waan Rabbiin nuuf barreesse malee homaa nu hin mudatuInni tiksaa keenya” jedhiMu’uminoonni Rabbuma (qofa) irratti haa hirkatan
  52. “Sila tokkoo toltuu lamaanii malee waan biraa nutti eegduu? Nutis Rabbiin adabbii Isa biraa ta’een yookiin harka keenyaan isin tuquu eegnaIsinis eegaa; nutis isin wajjiin eegoodha” jedhi
  53. “Kan jaallattanis ta’aatii yookiin kan jibbitan ta’aa arjoomaa; isin irraa hin qeebalamuDhugumatti, isin ummata finciltoota turtan” jedhi
  54. Rabbiifi ergamaa isaatti kafaruu, salaatas hifatoo ta’anii malee kan hin dhufneefi kan jibban ta’anii malee arjoomuu dhabuu isaanii malee wanti sadaqaan isaanii isaan irraa qeebalamuu dhorge hin jiru
  55. Qabeenyi isaaniitiifi ilmaan isaanii si hin ajaa’ibsiisinDhugumatti, wanti Rabbiin fedhu jireenya Addunyaa keessatti isheedhaan isaan adabuufi kaafiroota ta’anii lubbuun isaanii bahuu fedha
  56. Isaan dhugumatti isin irraayyi jechuun Rabbiin kakatu; isaan isin irraayii mitiGaruu isaan ummata sodaatanuudha
  57. Odoo iddoo itti baqatan yookiin goda wahii yookiin iddoo seenan (qaawwa wahii) argatanii silaa kan fiigan ta’anii gara isaatti deebi’u turan
  58. Isaan irraas nama (qooda) sadaqaa keessatti maqaa si xureessutu jiraYoo ishee irraa kennaman ni jaallatu; yoo ishee irraa hin kennamne immoo yoosan isaan ni jibbu
  59. Odoo isaan waan Rabbiifi ergamaan Isaa isaaniif kenne jaalatanii “Rabbiin nuuf ga’aadhaRabbiin fuula dura tola Isaa irraa nuuf kennaErgamaan Isaas (akkasuma)Dhugumatti, nuti gara Rabbii kajeeloodha” jedhanii (silaa isaaniif caalaa ture)
  60. Zakaawwan (kan qoodamtu) dhabeeyyiif, hiyyeeyyiif, warra ishee irratti hojjataniif, warra onneen isaanii (Islaamummaa) barsiifamtuuf, gabra bilisoomsuuf, warra idaan irra jiruuf, karaa Rabbii keessattiifi kara deemaadhaaf, (qofa)Dirqama Rabbi irraa ta’e (qabadhaa)Rabbiinis beekaa, ogeessa
  61. Isaan irraas warra Nabiyyii rakkisantu jiru; “Inni gurra” jedhuJedhiin: “(Eeyyeen inni) gurra isiniif gaarii ta’eedha; Rabbittis ni amana, Mu’uminootas ni dhugoomsaIsin irraa warra amananiifis rahmata.” Isaan ergamaa Rabbii rakkisan, isaaniif adabbii laalessaatu jira
  62. Isin gammachiisuf Rabbiin isiniif kakatu; yoo mu’uminoota ta’an Rabbiifi ergamaa Isaatu isaan isa gammachiisuu irra haqa godhata
  63. Sila nama Rabbiifi ergamaa Isaa faallesse, dhugumatti ibidda jahannamtu ishee keessatti kan hafu ta’ee isaaf jira jechuu hin beeknee? Kun salphina guddaadha
  64. Munaafiqoonni suuraan waan onnee isaanii keessa jiru isaanitti odeessitu isaan irratti bu’uu sodaatuJedhiin: “qishnaa godhaaDhugumatti, Rabbiin waan isin sodaattan (ifa) baasaadha.”
  65. Dhugumatti odoo isaan gaafattee “Nuti haasawatti kan seennuufi kan taphannu qofa turre” jedhu“Sila Rabbitti, keeyyattoota Isaatiifi ergamaa Isaatti qishnaa gootuu? jedhiin
  66. Rakkoo hin himatinaa! Dhugumatti isin erga amantanii booda kafartanii jirtuYoo garee isin irraa ta’eef irra dabarres, garee biraa immoo waan isaan yakkamtoota ta’aniif ni adabna
  67. Munaafiqoonni dhiiraatiifi munaafiqoonni dubartii gariin isaanii garii irraayiWaan jibbamaatti ni ajaju; waan gaarii irraa immoo ni dhorgu; harka isaaniis (kenna irraa) ni deeffatu; Rabbiin dagatan; Innis isaan dhiiseDhugumatti munaafiqoonni isaanumatu finciltoota
  68. Rabbiin munaafiqoota dhiiraa, munaafiqoota dubartiifi kaafirootaafis ibidda jahannam ishee keessatti kan hafan ta’anii beellamee jira; isheen isaaniif geessuudhaRabbiinis isaan abaareeraIsaaniif adabbii itti fufaatu jira
  69. (Isin) akkuma warra isin dura dabraniiti; Isaan humnaan isin irra jajjaboo, qabeenyaafi ilmaaniinis isin irra baay’ee turanIsaan qooda isaaniitiin ni qanani’an, akkuma isaan isin dura (dabran) qooda isaanitti qanani’an isiniis qooda keessanitti qananiitanAkkuma isaan (tapha) keessa seenan isinis (tapha) keessa seentanWarri sun Addunyaafi Aakhiraattis dalagaaleen isaanii baddee jirtiWarri sun isaanumatu hoonga’oodha
  70. Sila oduun warra isaan duraa isaanitti hin dhufnee? (Oduun) ummata Nuuh, Aad, Samuud, ummata Ibraahiim, jiraattota Madyaniifi (gandattii) garagalfamtuu (isaanitti hin dhufnee)? Ergamtoonni isaanii ragaa ifa ta’een isaanitti dhufanii jiruRabbiin kan isaan miidhu hin taaneGaruu isaan lubbuu isaanii kan miidhan turan
  71. Mu’uminoonni dhiiratiifi Mu’uminoonni dubaraa gariin isaanii jaalallee gariitiToltutti ajaju; hamtuu irraas ni dhorgu, salaatas gadi dhaabu; Zakaas ni kennu; Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ni ajajamuWarri sun Rabbiin fuula dura rahmata isaaniif godhaDhugumatti Rabbiin injifataa, ogeessa
  72. Rabbiin mu’uminoota dhiiraatiifi dubartootaatiifis jannata laggeen ishee jala yaatu, ishee keessatti kan hafan ta’anii manneen gaggaarii jannata qubsumaa keessa taates waadaa galee jiraJaalalli Rabbiin irraa ta’e (hunda) irra guddaadhaKun milkii guddaadha
  73. Yaa Nabiyyichaa! kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaa’i; isaan irrattis jabeessiTeesson isaanii jahannamiDeebiin isaaniis (jahannam) waa fokkatee
  74. Homaa hin jenne jedhanii Rabbiin kakatuDhugumatti isaan jecha kufrii jedhaniiru; Erga Islaamummaa isaaniitiis kafaraniiru; Waan itti hin geenyes yaadaniiru; Rabbiifi ergamaan isaa tola Isa irraa ta’een isaan duroomsuu malee waan biraa hin jibbineYoo tawbatan caalaa isaaniif ta’a; yoo (irraa) garagalan immoo Rabbiin Addunyaafi Aakhiraattis adabbii laalessaan isaan adabaDachii keessattis jaalalleefi tumsaan isaaniif hin jiru
  75. Isaan irraas namoota “Yoo (Rabbiin) tola Isaa irraa nuuf kenne, silaa dhugumatti ni arjoomna; Gaggaarii irraas ni taana turre” (jechuun) Rabbiif waadaa seenantu jiru
  76. Yeroma (Rabbiin) tola Isaa irraa isaaniif kenne, ittiin doynoomani; kan garagalan ta’anii dugda duuba deebi’an
  77. Waan Rabbiin waadaa isaa faallessaniifi waan sobaa turaniif hanga guyyaa Isaan wal qunnamaniitti munaafiqummaa onnee isaanii keessatti isaan dhaalchise
  78. Sila Rabbiin iccitii isaaniitiifi maqoo isaaniis kan beeku ta’uufi Rabbiin wantoota fagoo hundas akkaan beekaa ta’uu hin beeknee
  79. (Isaan) warra mu’uminoota irraa warra arjoomuu keessatti tola oolaniifi isaan waan dandeettii isaanii malee hin arganne maqaa xureessaniidha; Isaan isaanitti qishinuRabbiinis isaanitti qishina (isaan adaba)Isaaniif adabbii laalessaatu jira
  80. Araarama isaaniif kadhadhus yookiin araarama isaaniif kadhachuu dhiisis; yoo yeroo torbaatama araarama isaaniif kadhattes, Rabbiin isaaniif hin araaramuKun waan isaan Rabbiifi ergamaa Isaattis kafaraniifiRabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu
  81. Isaan (duula irraa) hafan, booda ergamaa Rabbiitii taa’uu isaaniitti gammadan; qabeenyaafi lubbuu isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’us ni jibbani; “ho’a keessa duulaaf hin bahinaa” jedhan“Odoo beekanii ibidda jahannamtu ho’atti irra cimaadha” jedhiin
  82. Galata waan hojjataniitiif xiqqoo kolfanii baay’ee haa boo’an
  83. Yoo Rabbiin gara garee isaan irraa ta’eetti si deebisee, (duulaaf) bahuuf hayyama si gaafatan, “Ana wajjiin gonkumaa hin baatanu; Ana wajjinis diinaan hin loltanuIsin dhugumatti yeroo jalqabaa taa’umsa jaalattanii jirtuKanaafuu warra (mana) taa’an wajjin taa’aa” jedhiin
  84. Isaan irraa nama du’e tokko irrattis hin sagadinQabrii isaa irras hin dhaabbatinDhugumatti isaan Rabbiifi ergamaa Isaattis kafaranii finciltoota ta’anii du’aniiru
  85. Qabenyi isaaniitiifi ilmaan isaanii si hin ajaa’ibsiisinRabbiin isheedhaan addunyaa keessatti isaan adabee, isaan kaafiroota ta’anii lubbuun isaanii bahuu fedha
  86. Yeroo suuraan Rabbitti amanaa ergamaa Isaa wajjiinis qabsaa’aa isaaniin jettu tokko buufamte, isaan irraa warri qabeenya qaban si hayyamsiifatu“Nu dhiisi; nuti warra taa’an wajjin taanaa” jedhan
  87. Warra (duula irraa) hafan wajjiin ta’uu jaalatanOnnee isaanii irrattis cufameera, isaanis hin hubatanu
  88. Garuu ergamichiifi warri isaa wajjin amanan, qabeenyaafi lubbuu isaaniitiin qabsaa’anii jiruWarri sun toltuu baay’eetu isaaniif jiraWarri sun isaanumatu milkaa’oodha
  89. Rabbiin jannata laggeen ishee jala yaatu, Isaan ishee keessatti kan hafan ta’anii, isaaniif qopheessee jiraKuni milkii guddaadha
  90. Tikfattoota baadiyyaa irraa warri rakkoo himatan akka hayyamni isaaniif godhamuuf jecha dhufanIsaan Rabbiifi ergamaa Isaa kijibanis ni taa’anIsaan irraa warra kafaran fuula dura adabbii laalessaatu isaan mudata
  91. Dadhaboota, dhukkubsattootaafi isaan waan kennatan hin arganne irratti yeroo Rabbiifi ergamaa Isaatiif toltuu yaadan (duuluu baatanis) diliin hin jiruToltuu raawattoota irra karaan (komii) hin jiruRabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
  92. Isaan akka waan yaabbatan isaaniif kennitu yeroo sitti dhufan, ati “waan yaabbattan isiniif arguu hin danda’u” jetteen, waan sadaqatan dhabuu irraa gaddaan ijji isaanii imimmaan yaasaa deebi’an irras (komiin) hin jiru
  93. Karaan (Komii) kan jiru warra dureeyyii ta’anii hayyama si gaafatan qofa irraWarra hafan waliin ta’uu jaalatan; Rabbiinis onnee isaanii irratti cufe; kanaafuu, isaan homaa hin beekan
  94. Yeroo gara isaanii deebitan rakkina kara keessan dhiheeffatu“Sababaa hin dhiheessinaa; Nuti isiniif hin amannuDhugumatti, Rabbiin oduu keessan irraa nuuf himee jiraRabbiifi ergamaan Isaas hojii keessan arguuf jiruSana booda gara isa waan mul’atuufi hin mul’anne beekuutti deebifamtuWaan isin dalagaa turtanis isinitti hima” jedhiin
  95. Yeroo isin gara isaanii deebitan akka isin isaan irraa gara galtaniif Rabbiin isiniif kakatu; isaan irraa gara galaa; dhugumatti, isaan najisaMindaa waan dalagaa turaniitiif teesson isaanii jahannama
  96. Akka isin isaan irraa jaalattaniif isiniif kakatuYoo isin isaan irraa jaalattanis, Rabbiin dhugumatti ummata finciltoota irraa hin jaalatu
  97. Horsiisee bultoonni kufriifi munaafiqummaatti irra cimoodha; daangaawwan waan Rabbiin ergamaa Isaa irratti buusee beekuu dhabuuttis irra dhihoodhaRabbiin hunda beekaa, ogeessa
  98. Horsiisee bultoota irraas namoota waan (karaa Rabbii keessatti) arjoomu akka idaatti qabatee, naannoowwan (rakkinaa) isinitti eegutu jiraNaannoon hamtuu isaan irratti haa ta’uRabbiin dhaga’aa, beekaadha
  99. Ammas tikfattoota baadiyyaa irraa nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanee waan (karaa Rabbii keessatti) arjoomus Rabbiin biratti dhiheenyaafi kadhaa ergamichaa godhatutu jiraDhagayaa! dhugumatti isheen isaaniif dhiheenyaRabbiinis fuula dura rahmata Isaa keessa isaan seensisaDhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
  100. Muhaajirootaafi Ansaarota irraas dursitoonni jalqabdoota ta’aniifi warri toltuudhaan isaan hordofanis, Rabbiin isaan irraa jaalateeraIsaanis Isa irraa jaalatanii jiruJannata ishee jala laggeen yaatus kan ishee keessatti hafan ta’anii isaaniif qopheessee jiraKun milkii guddaadha
  101. Tikfattoota baadiyyaa irraa gariin warra naannoo keessan jiruu munaafiqootaWarra Madiinaa irraas (namoota) munaafiqummaa irratti ragga’an, kan ati isaan hin beeknetu jiruNuti isaan ni beeknaFuula dura yeroo lama[] isaan adabnaErgasii isaan gara adabbii guddaa deebifamu
  102. Warri biroo immoo kan badii isaanii fudhatan, dalagaa gaariifi fokkataa biraa walitti makantu jiru; Rabbiin tawbaa isaanii irraa qeebaluun mirkanaa’eDhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
  103. Qabeenya isaanii irraa sadaqaa isheedhaan isaan qulqulleessituufi isaaniif dabaltuun fuudhiRabbiinis isaaniif kadhu; kadhaan kee isaaniif tasgabbiidhaRabbiin dhagayaa, beekadha
  104. Sila isaan ‘Rabbiin Isatu gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalaafi sadaqaas fudha’ jechuu hin beeknee? Ammas dhugumatti ‘Rabbiin isatu tawbaa qeebalaafi rahmata godhaa dha’ jechuus (hin beeknee)
  105. “Hojjadhaa; Rabbiin, ergamaan Isaatiifi mu’uminoonnis fuula dura dalagaa keessan ni arguGara beekaa wantoota hin mul’anneefi wantoota mul’ataniis fuula dura ni deebituWaan isin dalagaa turtanis isinitti odeessa” jedhi
  106. Warri biroo immoo kan murtii Rabbii (eeguuf) booda aanfamantu jiruYookiin isaan adabbii yookiin immoo tawbaa isaan irraa qeebalaRabbiin beekaa, ogeessa
  107. Warri (mu’uminoota) rakkisuuf, kufrii (babal’isuuf), gidduu mu’uminootaa addaan baasuufi nama duraan Rabbiifi ergamaa Isaatiin loleef eegumsa godhuuf jecha masjiida tolfatanis (isaanuma irraayyi)Dhugumatti “Nuti toltuu malee homaa hin feene” jedhanii kakatuRabbiin dhugumatti isaan sobdoota jechuu ragaa baha
  108. Gonkumaa isa (masjiidicha) keessa hin dhaabbatinDhugumatti, masjiida guyyaa jalqabaa irraa sodaa (Rabbii) irratti ijaarametu ati isa keessa dhaabbachuu haqa godhataIsa keessa namoota qulqulleeffachuu jaalatantu jiruRabbiinis qulqulleeffattoota ni jaalata
  109. Sila nama jaarmaya isaa sodaa Rabbi irraa ta’eefi jaalala (Isaa) irratti bu’uurse moo, nama jaarmaya isaa afaan boollaa kan cituutti dhiyaate irratti bu’uuressee ibidda jahannam keessatti isaan kufetu caala? Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu
  110. Ijaarsi isaanii inni isaan ijaaran yoo onneen isaanii ciccitte malee onnee isaanii keessatti munaafiqummaafi shakkii ta’uu irraa hin deemuRabbiin beekaa, ogeessa
  111. Dhugumatti, Rabbiin mu’uminoota irraa jannanni isaaniif ta’uudhaan lubbuufi qabeenya isaanii biteeraKaraa Rabbii keessatti lolu; ni ajjeesu; ni ajjeefamusKun Tawraat, Injiiliifi Qur’aana keessatti waadaa Isa irratti mirkanaa’eedhaNamni Rabbi irra waadaa isaa guutu eenyu? Kanaafuu gurgurtaa keessan isa gurgurttaniin gammadaaSunis isatu milkii guddaadha
  112. (Isaan) warra tawbaa deebi’an, gabbartoota, faarsitoota, soomtota, warra rukuu’a godhan, warra sujuuda godhan, warra toltuutti ajajan, warra hamtuu irraa dhorganiifi warra daangaa Rabbiis eeganiidhaMu’uminootas (jannataan) gammachiisi
  113. Nabiyyichaafi warra amananiif, mushrikootaaf odoo firoota dhihoo ta’anillee erga warra jahannam ta’uun ifa isaaniif ta’ee booda, (Rabbiin) araarama kadhachuun kan malu hin taane
  114. Araarama abbaa isaatiif kadhachuun Ibraahiimiis waadattii ishee isaaf seene sana (guutuu) irraayyi malee waan biraa hin turreYeroma inni diina Rabbii ta’uun ifa isaaf ta’u isa irraa qulqullaa’eDhugumatti, Ibraahiim akkaan gara laafaa, obsaadha
  115. Rabbiin ummata tokko erga isaan qajeelchee booda hanga waan isaan eeggachuu qaban isaaniif ibsutti kan (isaan) jallisu (yakkamaa godhu) hin taaneDhugumatti, Rabbiin waan hunda beekaadha
  116. Dhugumatti, Rabbiin mootummaan samiifi dachii kan IsaatiNi jiraachisa; ni ajjeesasRabbiin alatti tiksaafi tumsaantokkollee isiniif hin jiru
  117. Dhugumatti Rabbiin nabiyyicha, muhaajirootaafi ansaarota warra erga onneen garee isaan irraa ta’anii jallachuutti dhihaatee booda, yerottii rakkoo keessa isa hordofan irraas tawbaa qeebaleeraSana booda Rabbiin tawbaa isaanii qeebaleeraDhugumatti inni isaaniif mararfataa rahmata godhaadha
  118. Warra sadeen hanga dachiin bal’ina ishee wajjin isaan irratti dhiphattee, lubbuun isaaniis isaan irratti dhiphattee, Rabbi irraas gara Isaatti malee iddoon itti baqatan hin jiruu hanga mirkaneeffatanitti booda aanfaman irraas (Rabbiin tawbaa qeebaleera)Sana booda akka isaan tawbataniif jecha tawbaa isaan irraa qeebaleDhugumatti, Rabbiin Isatu araaramaa, rahmata godhaadha
  119. Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; warra dhugaa dubbatan wajjiiniis ta’aa
  120. Warra Madiinaatiifi tikfattoota baadiyyaa irraa warra moggaa isaaniitti argamaniif ergamaa Rabbii irraa duubatti hafuufi lubbuu isaaniis lubbuu isaa irra jaalachuun isaaniif hin malu tureSunis sababa hojiin gaariin ittiin isaaniif barreeffamu malee karaa Rabbii keessatti dheebuun, dadhabbiifi beellis kan isaan hin mudanne ta’ee akkasumas iddoo ejjannaa kaafiroota dallansiisu tokkoos hin ejjanneefi diina irraas (ajjeesuufi booji’uun) qaqqabiinsa tokkos kan hin qaqqabne (waan) ta’eefiDhugumatti, Rabbiin mindaa toltuu raawwattootaa hin balleessu
  121. Rabbiin irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessuuf jecha, yoo isaaniif barreeffame malee kennaa xiqqoos ta’ee guddaa hin kennan; laga tokkos hin qaxxaamuran
  122. Mu’uminoonni (nabiyyii wajjin yoo ta’e malee) dimshaashatti duuluun isaaniin hin maluSila maaliif garee hunda irraa muraasni tokko hin lolle? (Warri biroo immoo) akka amantii keessatti hubannoo godhatanii yeroo gara maatii isaaniitti deebi’an, akka isaan dinniinaniif (gorsaniif) jecha (maaliif hin hafne)
  123. Yaa warra amantan! Kuffaara irraa warra isinitti aananiin lolaaIsin keessattis jabeenya haa arganuRabbiinis warra Isa sodaatan wajjin jiraachuu beekaa
  124. Yeroo suuraan tokka buutes isaan irraa nama “eenyuu keessaniif isheen kun iimaana dabalte?” jedhutu jiraEgaa isaan amananiif kan gammadanu ta’anii iimaana isaaniif dabalte
  125. Isaan onnee isaanii keessa dhukkubni jiru immoo najisa isaanii irratti najisa isaaniif dabalteIsaanis kaafiroota ta’anii du’an
  126. Sila isaan waggaa hunda keessa yeroo tokko yookiin yeroo lama mokkoramuu isaanii hin arganuu? Ergasiis hin tawbatanii? Isaanis hin gorfamanuu
  127. Yeroo suuraan (isaan saaxiltu) tokko buufamte “namni tokko sila isin argaa jiraa?” jedhaa gariin isaanii gara garii ilaalaSana booda garagalanii deemuWaan isaan ummata hubannoo hin qabne ta’aniif Rabbiin onnee isaanii gara galche
  128. Dhugumatti, ergamaan isin irraa ta’e, kan rakkinni keessan isa irratti jabaatu, kan isiniif (akka amantanuuf) bololu, mu’uminootaaf immoo mararfataa, rahmata godhaa ta’e isinitti dhufeera
  129. Yoo isaan (sirraa) garagalan, “Rabbiin naaf gahaadhaIsa malee haqaan Gabbaramaan hin jiruIsa qofa irrattin irkadhe; Innis Gooftaa arshii guddaati” jedhi